Fana: At a Speed of Life!

Iiraan doonii Briitaaniyaa uggurte

0 168
Finfinnee, Adoolessa 13,2011(FBC)- Iiraan doonii Briitaaniyaa uggurte.
 
Dooniin Iiraan; boba’aa fe’u kanaan dura Briitaaniyaadhan ugguramuun isaa ni yaadatama.
 
Iiraanis dabareeshee eeggachuudhan kaleessa naannoo Hoormuuzitti doonii boba’aa Briitaaniyaa uggurteetti.
 
Hariiroon Iiraanii fi Briitaaniyaa yeroo ammaatti dhiphina keessa galeera.
 
Briitaaniyaan ugguramuu dooniishee boba’aa fe’uun booda ergaa akeekkachiisan guutame Iiraanif ergiteetti.
 
Dooniin Briitaaniyaa kun raayyaa warraaqsa Iiraanin to’annaa jala oolera.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Briitaaniyaa Jarmii Haant ibsa laataniin akka beeksisanitti, dhimmichi yeroodhan hin furamu taanan wanni uumamuu hin malle mudachuu mala.
 
Daangaa galaana addunyaarratti mirgi imaluu kabajamuu qabaanis waamicha dhiyeessaniiru.
 
Ministirichi rakkinicha hiikuuf humna akka hin fayyadamne eeranii, adeemsi diippiloomaasii filatamaa ta’uu kaasaniiru.
 
Dooniin Iiraan boba’aa fe’ee gara Sooriyaatti imalaa ture Jinraaltaar irratti humna galaanaa Briitaaniyaatin ega to’atameen booda Iiraan karaa hin malle filatteetti jedhaniiru ministirichi.
 
Miidiyaan biyyoolessaa Iiraan ERNA dooniin Briitaaniyaa bidiruu qurxummii kiyyeessun walitti bu’ee yoo miliqu to’atame jedheera.
Comments
Loading...