Fana: At a Speed of Life!

Aljeeriyaan shaampiyoonaa waancaa Afrikaa 32ffaa taate

0 258
Finfinnee, Adoolessa 13,2011(FBC)- Aljeeriyaan shaampiyoonaa waancaa Afrikaa 32ffaa taate.
 
Biyyi kaaba Afrikaa Aljeeriyaan, biyya dhiha Afrikaa Seenegaal 1f 0 dhaan injifachuudhan shaampiyoonaa taatetti.
 
Taphni waancaa eda galgala Istaadiyamii Idil Addunyaa Kaayrootti gaggeeffameera.
 
Gareen biyyoolessaa biyyoota lamaanii leenjistoota Afrikaatin duurfamuudhani taphaaf kan qaqqaban.
 
Seenegaalonni kubbaa galchii hin ta’in hedduu argataniit turan.
 
Seenegaal rukuttaa koornarii 6, Aljeeriyaan ammoo 2 argatteetti.
 
Dorgommii waancichaatin ramaddiidhan walarganii kan turan gareewwan lamaan, Aljeeriyaan 1f 0 dhaan injifachuun ishee ni yaadatama.
 
Aljeeriyaan waancaa Afrikaa yoo kaastu kun si’a lammaffaadhafi.
 
Yeroo jalqabaatif waancaa Afrikaa kan mo’atte waggaa 19 dura ture.
Comments
Loading...