Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Chaayinaa Hoospitaala Waliigalaa Xiruunash Beejiingif meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 3 olii laate

0 150
Finfinnee, Adoolessa 12, 2011 (FBC)- Mootummaan Chaayinaa Hoospitaala Waliigalaa Xiruunash Beejiingif meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 3 olii laate.
 
Mootummaan Chaayinaa hoospitaalichaaf deeggarsa meeshaalee yaalaa, laaboraatoorii fi qorannoo laatera.
 
Deeggarsa meeshaa yaalatiin ala ogeeyyiin fayyaa Chaayinaa deeggarsa wallaansaa laachuuf marsaa 21ffaaf Finfinnee dhufaniiru.
 
Deeggarsicha kan laatan Ityoophiyaatti ministirri Mana Maree Diinagdee fi Daldalaa Chaayinaa Li’uu Yuu deeggarsichi qaama tumsa addaa Ityoophiyaa fi Chaayinaati jedhaniiru.
 
Ministirittiin FBCtti akka himanitti kanaan duras deeggarsi Birrii miiliyoona 10 olii taasifameera.
 
Mootummaan Chaayinaa ijaarsaa kaasee, meeshaalee wallaansaa guutudhaan, ogeeyyii fayyaa marsaa 21n erguun hoospitaalicha gargaaraa tureera.
 
Daawiit Masfintu gabaase.
Comments
Loading...