Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad badhaasa Chaataam Haawus 2019f kaadhimaman

0 622

Finfinnee, Adoolessa 12,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Chaataam Haawus bara Faranjootaa 2019f kaadhimaman.

Dhaabbatichi bara Faranjootaa 1920 kan hundaa’e yammuu ta’u, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ega hoggansa muummee ministiraatti dhufanii hojiilee hojjetaniif badhaasaf isaan kaadhimeera.

Dhaabbanni Dhimma Idil Addunyaa Mootii Briitaaniyaa; Chaataam Haawus muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaatti jijjiirramni hawaasummaa akka dhufu, walqixxummaan dubartootaa akka mirkanaa’uu fi tumsi biyyoota Gaanfa Afrikaa akka cimu hojjechuu isaanii ibseera.

Dhaabbatichi ibsa isaatin Dooktar Abiy sirreeffamtoota kumaan lakkaa’aman gadhiisuu, miseensota kaabinee isaanii %50 dubartoota muuduu, seerota hacuucxuu fooyyessuuf ifaajuu isaanii eerera.

Badhaasichaaf kan kaadhimaman siyaasa hirmaachisaa uumuu fi walabummaa yaada ofii ibsachuurratti jijjiirrama Ityoophiyaatti fidaniini.

Ityoophiyaa fi Eertiraan gara nagayaatti akka dhufan, Gaanfi Afrikaa tasgabbii akka qabaatu tarkaanfiin hariiroo haaromsuu fi hidhanni diinagdee uuman badhaasa Chaataam Haawusiif isaan kaadhimsiisera.

Dhaabbatichi badhaasa 2019f muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin ala muummee ministiraa Aayislaand Kaatriin Jaakoobsidootiirii fi Sar Deeviid Ateenbiraa kaadhimmateera.

Comments
Loading...