Fana: At a Speed of Life!

Karoorri sirni faaynaansii Ityoophiyaa ittiin hogganamu qophaa’aa jira

0 294

Finfinnee, Adoolessa 12, 2011 (FBC)- Karoorri sirni faaynaansii Ityoophiyaa ittiin hogganamu qophaa’aa jira.

Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa fi miseensi boordii Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkalliny Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti sirni faaynaansiin biyyattii ittiin hogganamu qophaa’aa jira.

Baankonni maallaqa liqeessan keessaa ammi deebifamuusaa shakkii keessa kan jiru akka ulaagaatti kan kaa’amee %5 olii miti jedhan.

Baankii tokkoon ala ulaagaa gamaaggamaatin kaan haala gaarirra jiraachuun ibsameera.

Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa rakkoo hojimaataa fi amala baankichaarraa kan ka’e ammeentaan liqaa badaa daangaa kaa’ameef %15 darbuu ibsanii, baankonni maallaqni qusanaan sassaaban tiriiliyoona walakkaa darbuu ibsaniiru.

Liqaan laatanis waggaa waggaadhan %25 oliin guddina agarsiisera.

Liqaa guddaa kan fudhatu mootummaadha.

Qusannaan %60 olii kan galmaa’e baankii tokkotti yammuu ta’u, dameen baankii %35 guddateera.

Tigist Abrahaamtu gabaase.

Comments
Loading...