Fana: At a Speed of Life!

Jeequmsa magaalaa Hawaasaa mudate tasgabbeessuf hoojjetamaa jiraachuun ibsame

0 476

Finfinnee, Adoolessa 12,2011 (FBC) – Guyyaa kaleessa jeequmsa magaalaa Hawaasaa fi naannoosheetti uummame ture tasgabbeessuf hojjetamaa jiraachuun Komushiiniin Poolisii Naannoo Kibbaa beeksise.

Komushiiniin Poolisii Naannoo Kibbaa Komushinaar Teewdroos Waldamikaa’el Faanaa Broodkaastiing koorporeetitti akka himanitti jeequmsa uummameen miidhaan qabeenyaa fi namarra kan ga’e yoo ta’u, guyyaa har’a nageenyi magaalitiitti bu’eera jedhan.

Komushinaarichi rakkinichi ka’uumsa isa magaala Hawaasaa godhachuun gara aanaalee Sidaamatti babbal’achuun, daandiiwwan cufamuun humnoonni nageenya ariitiidhaan qaqqabu hin dandeenye jedhaniiru.

Qaamni gaaffi qabu olaantummaa seeraa kabajuun gaaffii isaa dhiyeeffachu ni danda’a, garuu sochiiwwaan kanaan alatti taasifamu lammiileerratti dhiibbaa waan qabuuf dhaabachu qaba jedhan.

Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Hawaasaa fi Naannooshee eeguuf hawaasni qaama nageenyaa waliin qindoomuun akka hojjetuu fi naannoo isaanii akka eegaan dhaamaniiru.

Haayleyesuus Makonniintu gabaase

 

Comments
Loading...