Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan gulaallii waancaa Afrikaa 2021n morkattoota ishee beekte

0 541

 

Finfinnee, Adoolessa 12 ,2011 (FBC) – Itoophiyaan gulaallii waancaa Afrikaa bara Faranjoota 2021 qopheessuummaa Kaameerooniin gaggeeffamuun morkattootashee beekteetti.
 
Ramaddii 11ffa ta’uun kan ramaddamte Ityoophiyaan Kootidiivoor, Niijer fi Madaagaskaar waliin ni taphatti.
 
Kaameerooniitti kan adeemsifamu taphni gulaallii waancaa Afrikaa ramaddiin 12 kan argaman yoo ta’u, ramaddii isaaniin gareen 1ffaa fi 2ffaa qopheessuummaa Kaameerooniin kan adeemsifamu irratti ni hirmaatu.
 
Ramaddichiis;
 
Ramaddii 1ffaa – Maalii, Giinii, Naamiyaa fi Laaybeeriyaa
 
Ramaddii 2ffaa Burkinaa Faasoo, Ugaandaa, Maalaawwii fi Sudaan Kibbaa/Sisheelsi
 
Raamaddii 3ffaa – Gaanaa, Afrikaa Kibbaa, Sudaan fi Mooraashaas/Saa’otoomee
 
Ramaddii 4ffa – Dimookiraatik Ripabliik Koongoo, Gaaboon, Angoolaa fi Jibuut/Gaambiyaa
 
Ramaddii 5ffaa – Morookoo, Afrikaa Giddugaleessaa, Burundii fi Moritaaniyaa
 
Ramaddii 6ffaa – Kaameruun, Moozaambiik, Ruwaandaa fi Keep Vaard
 
Ramaddii 7ffaa – Gibts, Keeniyaa, Toogoo fi Komoroos
 
Ramaddii 8ffaa – Aljeeriyaa, Zimbaabuwee, Boostiwaanaa fi Zaambiyaa
 
Ramaddii 9ffaa – Seenegaal, Koongoo, Giinii Biisaaw fi Iswaatiinii
 
Ramaddii 10ffaa – Tuniziyaa, Liibiyaa, Tanzaaniyaa fi Ikuwaatooriyaa Giinii
 
Ramaddii 11ffaa – Ityoophiyaa, Aayvoorikoost, Niijer fi Madagaaskaar
 
Ramaddii 12ffaa – Naayjeeriyaa, Seraaliyoon, Beeniin fi Leesoottoo
Comments
Loading...