Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI haala waqtaawaa fi keessoo raayyaa ittisaa cimsuurratti mari’ate

0 595

Finfinnee, Adoolessa 12, 2011 (FBC)- Hoggansi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI haala nageenyaa waqtaawaa fi keessoo raayyaa ittisaa cimsuurratti mari’ate.

Waltajjichaan ajjeechaan hoggansa raayyaa ittisa biyyaa fi hoggansa siiviilii naannoo Amaaraarratti raawwatame balaaleffatameera.

Raayyaan ittisaas gochichi akka irra hin deebi’amne kan hojjetu ta’uun ibameera.

Marichaan boodas ibsa ejjennoo qabxii 9 baasera.

Raayyaan ittisaa nageenya biyyaa eegsisuuf wareegama kaffalaa akkuma ture, ammas humnoota finxaaleyyii fi seeran alaarratti qabsaa’udhaan nageenya Ityoophiyaa kabachiisuuf ni hojjeta jedhameera.

Raayyaan ittisaa ergama heera mootummaatin kennameef ga’umsaan ba’achuudhaf humna guutuun akka jiru maricharratti ibameera.

Wareegamni hoggansaa fi miseensaa ergamaa fi gootummaa itti aanuuf kan isaan qopheessu malee kan abdii isaan kutachiisu akka hin ta’in eerameera.

Aarsaan biyyaaf kaffalamu ergama nagaa kabachiisuu fi tika biyyaatif kan nama qopheessu jedhameera.

Daayreektoreetii Olaanaan Indooktirineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ibsa ergeen akka beeksisetti, waltajjicharratti Eetaamaajoora Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad dabalatee hoggansi olaanoo raayyaa ittisaa argamaniiru.

Comments
Loading...