Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Booying rakkoon xiyyaara Maaks 737 mudateen doolaraa biiliyoona 4.9 baase

0 138

Finfinnee, Adoolessa 12, 2011 (FBC) – Xiyyaarri Booying Maaks 737 Indoonezhiyaa fi Ityoophiyaa keessatti kufe caccabuun walumaagalatti lubbuun namoota 346 du’an darbeera.

Kanumarra ka’uun biyyoonni addunyaa xiyyaara kanatti fayyadamuu dhaabaniiru.

Rakkina Xiyyaara Maaksi 737 mudateen dhaabbanni Booying kasaaraan keessa seeneera.

xiyyaarotni Maaks 737  hojii dhaabuu fi beenyaa kaffaluu , oomisha xiyyaaraa hir’suun fi gurgurtaa dhaabuun wantoota Booying kasaaraa keessa galchaanidha.

Xiyyaaroonni Booying Maaks 737 ji’oota sadan dhuma bara kanaatti hojiitti deebi’u danda’u jedhe Dhaabbanni Booying.

Hoogganaan Dame Faayinaasii Dhaabbata Booying Greeg Smiith rakkina nu mudate kana keessa bane, gabaatti deebi’uuf jenna jedhaniiru.

Hoogganaa Olaanaa Dhaabbata Booying Deennis Muyleenburg nageenya maammiltoota fi hojjetoota keenya eeguu caalatti wanti nu fayyadu hin jiru; rakkoo maallaqa nu mudate keessa bahuuf kallatti nutti agarsiisa jedhan.

Maddi:-  BBC

 

 

Comments
Loading...