Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa laachuuf galmeen adda baafannaa barattootaa Adoolessa 15 amma 30,2011tti gaggeeffama

0 192
Finfinnee, Adoolessa 12, 2011 (FBC)- Deeggarsa uffannaa mana barnootaa fi meeshaalee barnootaa laachuuf galmeen adda baafannaa Adoolessa 15 amma Adoolessa 30,2011tti gaggeeffama.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman hoggansaa fi ogeeyyii barnootaa waliin hojiilee Gannaarratti mari’atan.
 
Odeeffannoo fi lakkoofsa barattoota deeggarsi taasifamuuf adda baafachuuf yaadamuun ibsameera.
 
Bulchiinsi magaalichaa lakkoofsa barattoota sagantaa nyaatatiin hammataman dabaluuf hojjechaa jira.
 
Barattoonni manneen barnootaa mootummaatti baratan guyyootii eerame keessatti manneen barnootaatti argamanii akka galmaa’an waamichi dhiyaatera.
Comments
Loading...