Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan babbal’achaa kan dhufe qaala’insa jireenyaaf sababa kan ta’e gocha seeraan alaa akka to’atu gaafatame

0 342

Finfinnee, Adoolessa 11,2011 (FBC) – Mootummaan babbal’achaa kan dhufe qaala’insa jireenyaaf sababa kan ta’e gocha seeraan alaa akka to’atu gaafatame.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hojimaata fi gochoota qaala’insa jireenyaa akka dabalu sababa kan ta’an irratti daldaltootaa fi kutaalee hawaasa garaa garaa waliin mari’achaa jira.

Marichaanis hirmaattonni daldaltoota akka feetedhaan mi’a irratti gatii dabalan irratti ejjennoon akka fudhatamu gaafataniiru.

Maricha irratti kan argamaan Itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneett Qindeessan Kilaastera Hawaasaa Injiinaar Indaawaq Abtee magaalititti qaala’insa jireenyaa babbal’acha dhufe to’achuuf daldaltoonni kaaraa seera qabeessa ta’een hojjechuu qabaan dhaamaniiru.

Bulchiinsi magaalicha daldaltoota seeraan ala gocha akkasitti hirmaatan irratti ejjennoo barsiisaa akka fudhatu dubbateera.

Tigiist Abrahaamtu gabaase.

 

Comments
Loading...