Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti piroojektoota 6 birrii biiliyoona 10.7 oliin ijaarsisuuf waliigaltee mallatteeffame

0 337

Finfinnee, Adoolessa 11, 2011 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee baajatni kan qabameef piroojektoota 6 birrii biiliyoona 10.7 olin ijaarsisuuf waliigaltee mallatteessera.

Bara kana keessa ijaarsi isaa eegalee waggaa lama keessatti kan xumuramu piroojektoonni 6 guyyaa har’aa dhaabbata ijaarsa isaa xumuraan waliin waliigaltee mallatteessera.

Piroojektoota kana keessaa:-

*piroojektii giddugala Adawaa KM 0:00

*Mana kitaabaa Finfinnee

*Haaromsa guutuu mana qopheessaa magaalaa Finfinnee

* Bakka dhaabbi konkolaataa guddicha masaraa mootummaa

*Ijaarsa daandii Gootaraa

*Ijaarsa daandii Boolee – Madihaaniyaalem habga Embaasii  Ingliiz fa’i

Bulchiinsi magaalicha magaalittiin jiraattoof jireenyaaf mijatuu, bareedduu fi qulqulluu taasisuuf piroojektoota hedduu kalaqee hojjechaa jiraachuun isa beekkamadha.

Comments
Loading...