Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiyi Eemiiriin Kuweet Ityoophiyaa akka daawwataan affeerra dhiyeessan

0 1,905

Finfinnee, Adoolessa 9, 20111 (FBC) – Muummichi Mnisteera Dooktar Abiyi Ahimad Eemiiriin Kuweet Ityoophiyaa akka daawwataan affeerra dhiyeessan.

Ministeerri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Eemirii Kuweet Sheek Saabah Al Ahimad Al Jabbar Al Saabaah waliin Kuweetitti maria’ataniiru.

Turtii isaanii kanaan, Ministeerri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee dhaamsa Muummicha Ministeera Dooktar Abiyi Ahimad Eemira Kuweet Sheek Saabah Al Ahimad Al Jabbar Al Saabaah ttiin ga’aniiru.

Dhaamsi Muummeen Ministeera Dooktar Abiyi Ahimad ergaan hariiroon biyyoonni lamaan waliin qabaan guddisuu irratti kan xiyyeefatedha jedhame.

Kanaan duraas Muummeen Ministeera Dooktar Abiyi Eemirri Kuweet Ityoophiyaa akka daawwataan affeerra dhiyeessu isaanii ni yaadatama.

Comments
Loading...