Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan bakka bu’oota jaarsolii biyyaa waliin turtii taasiisan

0 364

Finfinnee, Adoolessa,9,2011 (FBC) – Injiinar Taakkalaa Uumaa bakka bu’oota jaarsolii biyyaa fi ogeessota aartii waliin turtii taasiisan.

Sagantaa finfinneen tuuriizimii biyya keessaa fayyadamaa ta’uu dandeessu fi magaala hundaa ta’uu ishee agarsiisu qophaa’e kanarratti bakka bu’oonni naannolee hundarraa walitti bahan kunneen iddoolee seena qabeessa magaalittiin qabdu daawwataniiru.

Finfinneen ayyaanni akka Daamaraa fi Iid Alfaxir haala hoo’aa ta’een itti kabajamuu fi akkasumas kutaan hawaasaa hundi magaalaa aadaa isaa itti calaqqisiisuudha jedhan Injiinar Taakkalaan.

Gara fuula duraattis ayyaanota akka Ashandaa, Shaadaay akkasumas kabaja ayyaana Irreechaa sadarkaa magaalichaatti kabajuun galii dabalataa argachuuf kan hojjetamu ta’a jedhaniiru.

Dhumarrattis bakka bu’oonni kunneen mooraa bulchiinsa magaalichaa keessatti Injiinar Taakkalaa waliin biqiltuu dhaabaniiru.

Comments
Loading...