Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Afrikaatin Seenegaalii fi Aljeeriyaan xumura ga’an

0 384

Finfinnee, Adoolessa 8,2011(FBC)- Waancaa Afrikaatin Seenegaalii fi Aljeeriyaan xumura ga’an.

Tapha walakkaa xumuraa eda gaggeeffameen Seenegaal morkattuu ishee Tuuniiziyaa 1f 0dhaan injifachuun xumura geechetti.

Aljeeriyaan ammoo Naayjeeriyaa waliin taphattee 2f 1n injifachuun xumura geessetti.

Tapha waanchichaatin dorgommiiwwan 2 kan hafan yoo ta’u, Roobii dhufu Naayjeeriyaa fi Tuuniiziyaan sadarkaadhaf kan waliin taphatan ta’a.

Taphni waancaa ammoo Jimaata Seenegaalii fi Aljeeriyaa walagarsiisuun morkii xumuraa gaggeessu.

Comments
Loading...