Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Gaambeellaa hoggansa 4 jijjiire

0 334

Finfinnee, Adoolessa 8,2011(FBC)- Naannoon Gaambeellaa hoggansa 4 jijjiire.

Jijjiirraan hoggansaa kan taasifame koreen giddugaleessaa Sochii Demokraasummaa Tokkummaa Ummattoota Gaambeellaa nageenya naannichaarratti gamaaggama gaggeessee kallattii kaa’eni.

Hogganaan Prees Sakreetaariyaatii naannichaa obbo Udan Aguwaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, jijjiirrichi nageenya naannichaa mirkaneessuu kan dandeessisudha.

Kantiibaa magaalaa Gaambeellaa kan turan obbo Gwaat Mantaaf kantiibummaarraa kaafamuun, gorsaa diinagdee preezdaantii naannichaa akka ta’an murtaa’era.

Itti aanaa kantiibaa kan turan obbo Aliigaa Ukkeelloon kaafamuun, itti aanaa diinii Koolleejjii Poolii Teekniikaa taasifamaniiru.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa obbo Boordan Koong kaafamanii gorsaa seeraa Mana Maree Naannoo Gaambeellaa ta’aniiru.

Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii naannichaa Koomaandar Maanuu Galaan koomiishinarummaarraa kaafamuun, itti aanaa hogganaa Biiroo Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Qilleensaa ta’aniiru.

Filannoon kantiibaa amma gaggeeffamutti sadarkaa itti aanaa kantiibaan hojjechaa kan jiran obbo Dooraar Koom magaalicha akka hogganan bakka buufamaniiru.

Obbo Ujuluu Giilloon Biiroo Barnoota naannichaa dabalanii akka hogganan bakka buufamaniiru.

Obbo Toomaas Tuut Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa akka hogganan, obbo Utiyaan Uchiyaan ammoo Koomiishinii Poolisii naannichaa akka hogganan ramadamaniiru.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Comments
Loading...