Fana: At a Speed of Life!

Koreen giddugaleessaa Sochii Demokraasummaa Ummattoota Kibba Ityoophiyaa walga’iisaa addaa xumure

0 392

Finfinnee, Adoolessa 8,2011(FBC)- Koreen giddugaleessaa Sochii Demokraasummaa Ummattoota Kibba Ityoophiyaa walga’iisaa addaa gaggeessaa ture xumure.

Korichi guyyootii kurnan darbaniif dhimmoota naannoo fi biyyaa, siyaasaa fi nageenyarratti mari’achuudhan kallattii kaa’era.

Gaaffii naannoo haaraa hundeessuurratti ka’us bifa saayinsaawaa fi qorannoodhan deeggarameen furmaata waaraa laachuusaa eerera.

Marichaan dhimmoonni siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa gadi fageenyan gamaaggamamuun ibsameera.

Naannoo Kibbaatti nagaa fi tasgabbii uumuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti ejjennoon waloo qabameera.

Tokkummaa biyyaa cimsuu, jijjiirrama eegalame utubuu, gufuulee mudatan hiikuuf kan hojjetu ta’uu eerera.

Comments
Loading...