Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Ameerikaan shaakallii loltummaa gaggeessuu eegalan

0 479
Finfinnee, Adoolessa 8,2011(FBC)- Ityoophiyaa fi Ameerikaan shaakallii loltummaa gaggeessuu eegalan.
 
Humnoonni raayyaa ittisaa Ameerikaa fi Ityoophiyaa shaakallii waloo isaanii har’a eegalaniiru.
 
Shaakallichi Soomaaliyaatti humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa cimsuuf kan kaayyeffatedha.
 
Leenjicharratti miseensonni raayyaa ittisaa fi hoggansi mootummaa 1000 ta’u ni hirmaata.
 
Shaakallichi naannoo baha Afrikaatti nageenyi waaraan akka uumamu, shororkeessummaa fi walitti bu’iinsa mudatu duursuun ittisuu dandeessisa jedhameera.
 
Ministir deettaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI obbo Fissahaa Waldasanbat shaakallichi naannichatti nagaa fi tasgabbii uumamuu dandeessisa jedhaniiru.
 
Shaakalliin har’a eegale har’a dabalatee guyyootii 16f kan gaggeeffamu yammuu ta’u, Braaziil, Buruundii, Kaanaadaa, Jibuutii, Faransaay, Jarman, Xaaliyaan, Keeniyaa, Neezarlaandis, Ruwaandaa, Soomaaliyaa, Yugaandaa fi Briitaaniyaan ni hirmaatu.
 
Dabalataan ogeeyyiin Gamtaa Afrikaa, Dhaabbanni Misoomaa Idil Addunyaa Ameerikaa, Dhaabbanni Nageenyaa Ameerikaa, Waldaan Fannoo Diimaa Idil Addunyaa ni hirmaatu.
Comments
Loading...