Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen bara baajataa 2011tti galii Birrii biiliyoona 32 ol sassaabde

0 288
Finfinnee, Adoolessa 8,2011(FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara baajataa 2011tti galii Birrii biiliyoona 32 ol sassaabuusaa beeksise.
 
Galiin sassaabbame kan bara darbeerra caalmaa Birrii biiliyoona 5 qaba jedhameera.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan bu’aa hojjettoonni Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Finfinnee galmeessisaniif galateeffataniiru.
 
Bara barnootaa itti aanuf manneen barnootaa 300 haaromaa jiraachuu eeranii, barruu dabalatee meeshaaleen barnootaa addaddaa miiliyoonni 6 walitti qabamuus ibsaniiru.
 
Barattoota kuma 600f uffanni barnootaa kan bitamu ta’uu itti aanaan kantiibichaa ibsaniiru.
 
Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Shiisammaa G/sillaaseen waltajjii Gamtaa Afrikaatti gaggeeffame kanarratti akka ibsanitti waggichatti taaksii Birrii biiliyoona 34.5 sassaabun yaadamee, Birrii biiliyoonni 32.3 walitti qabameera; kunis raawwin isaa %93 ta’uu muul’isa jedhan.
 
Faasikaaw Taaddasaatu gabaase
Comments
Loading...