Fana: At a Speed of Life!

Atleet Siifan Hasan riikardii haaraa galmeessite

0 374

Finfinnee, Adoolessa 6, 2011(FBC)- Atleet Siifan Hasan riikardii haaraa galmeessite.

Atleet Siifan Hasan fiigicha maayilii tokkoon riikardii addunyaa waggoota 23f ture fooyyessite.

Dorgommii Diyaamand Liigii kaleessa galgala Moonaakootti gaggeeffameen atleetiin dhalootan Ityoophiyaa, Neezarlaandif fiigdu Siifan injifatteetti.

Siifan dorgommicha daqiiqaa 4 fi sakandii 12 fi maaykiroo sakandii 33n xumurteetti.

Riikardiin Siifan fooyyessite atleetii Raashiyaa Siveetilaanaa Maastarkovaan bara Faranjootaa 1996 galmaa’ee kan ture daqiiqaa 4 fi sakandii 12 fi maaykiroo sakandii 56.

Comments
Loading...