Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti fonqolchi mootummaa yaalamuun ibsame

0 407

Finfinnee, Adoolessa 5, 2011 (FBC) – Sudaanitti fonqolchi mootummaa yaalamuun ibsame.

Manni Maree Cee’umsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan ibsa laaten akka beeksisetti yaaliin fonqolchaa fashaleera.

Yaalichaan miseensonni raayyaa ittisaa shakkaman 16 to’atamaniiru.

Hoggansi mana marichaa fi humnoonni mormitootaa qooddannaa aangoo fi biyyattii gara demokraasiitti ceesisuurratti mariirra wayita jiranitti yaaliin fonqolchaa kaleessa kan raawwatame.

Miseensonni raayyaa ittisaa, dhimma bulchiinsaa fi nageenyaa, kan soorama ba’an dabalatee fonqolchicharratti hirmaataniiru jedhan miseensi Mana Maree Cee’umsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Jeneraal Jamaal Omar.

Yaata’uutii humni nagaa fi tasgabbii biyyattiif amanamaa ta’e yaalicha fashalseera jedhaniiru.

Gochaan akkanaa marii biyyattii gara demokraasiitti ceesisuuf taasisamu gufachiisuuf kan kaayyeffatedhaanis balaaleffataniiru.

Maddi; Aljaziiraa

Comments
Loading...