Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa tola oolmaa Gannaatin dhiiga korojoo kuma 14 sassaabun karoorfameera

0 229
Finfinnee, Adoolessa 5, 2011 (FBC) – Sagantaa tola oolmaa Gannaatin dhiiga korojoo kuma 14 sassaabuuf karoorsuusaa Baankiin Dhiiga Biyyoolessaa beeksise.
 
Ityoophiyaatti waggaatti dhiigni yuuniitiin kumni 300 ol dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaaf akka barbaachisutu himama.
 
Yaata’uutii balaa konkolaataa fi da’umsarraa kan ka’e fedhiin dhiyeessii dhiigaa dabalaa dhufeera.
 
Waggaatti si’a 3 amma 4tti tola ooltonni dhiiga arjooman kumni 100 ol jiraachuu ragaan Baankii Dhiiga Biyyoolessaa ni muul’isa.
 
Baankichatti duursaan garee tajaajilaa obbo Zalaalam Kaasaayeen FBCtti akka himanitti Adoolessa 2011 eegalee hojiin arjooma dhiigaa guutuu biyyaatti eegalameera.
 
Siisaay Geetinnat
 
Comments
Loading...