Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq hoggansa dhaabbilee Mana Maree Daldalaa Ameerikaa waliin mari’atan

0 108

Finfinnee, Adoolessa 5, 2011 (FBC) – Preezdaant Saahilawarq Zawdeen hoggansa dhaabbilee Mana Maree Daldalaa Ameerikaa jalatti argaman waliin mari’atan.

Marii kaleessa Waajjira Preezdaantiitti gaggeeffame kanaan dhaabbileen inarjii, barnoota, infoormeeshin teeknooloojii, fayyaa, faaynaansii fi tuuriizimii 20 ol hirmaataniiru.

Duursaan jilichaa itti aanaan preezdaantii Mana Maree Daldalaa Ameerikaa miistar Maayran Briiliyaant hawaasni daldalaa Ameerikaa hirmaannaasaa Ityoophiyaa guddisuu akka barbaadu ibsaniiru.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen gama isaanitiin Ityoophiyaan hirmaannaa dureeyyii Ameerikaatif haala kan mijeessitu ta’uu ibsaniiru.

Manni Maree Daldalaa Ameerikaa bara Faranjootaa 1912 kan hundaa’e yammuu ta’u, dhaabbilee biiznasii miiliyoona 3 ol kan hammatedha.

Comments
Loading...