Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa jijjiirrama eegalame akka deeggaru beeksise

0 255

Finfinnee, Adoolessa 5, 2011 (FBC) – Gamtaan Awrooppaa jijjiirrama eegalame akka deeggaru beeksise.

Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan itti aanaa barreessaa olaanaa Tajaajila Hojiilee Alaa Gamtaa Awrooppaa Peedroo Seraanoo waliin mari’ataniiru.

Marichaanis Gamtaan Awrooppaa jijjiirrama akka naannoo Oromiyaa fi Ityoophiyaatti eegalame milkeessuuf tumsa barbaachisaa kan laatu ta’uun ibsameera.

Gamtichi mootummaan Ityoophiyaa hojii dirree demokraasii bal’isuu fi fooyyessa diinagdeerratti hojjetu kan dinqisiifatuu fi deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu Peedroo Seraanoon ibsaniiru.

Obbo Shimallis gama isaanitiin tumsi gamtichaa akka itti fufu gaafataniiru.

Comments
Loading...