Fana: At a Speed of Life!

Galiin bara 2011 sassaabbame kan 2010 irra caalmaa %12 akka qabu ibsame

0 270

Finfinnee, Adoolessa 5, 2011(FBC) -Galiin bara 2011 sassaabbame kan 2010 irra caalmaa %12 akka qabu ibsame.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebeen akka beeksisanitti, galiin bara 2011tti sassaabbame kan bara 2010 wajjin wal bira qabame yoo ilaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 22 yookin 12% qaba.

Akka ibsichaatti bara 2011 galiin Birrii biiliyoonni dhibba 1 fi biiliyoonni 98 tuqaa 2 sassaabbameera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatin ragga’ee ergamni ministeerichaaf laatame galii Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 13 akka sassaabu ture.

Galii sassaabbame keessaa;

1/ Galiin biyya keessaa Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 20.2(61%),
2/Galiin qaraxaa Birrii biiliyoona 77.7 (39%),
3/Galiin biyya keessaa 87% kan milkaa’e ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.

Comments
Loading...