Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitii Finfinneetti Wiirtuun Barnootaa fi Qorannoo Ityoophiyaa ebbifame

0 123

Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC) – Yuunvarsiitii Finfinneetti Wiirtuun Barnootaa fi Qorannoo Ityoophiyaa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 16 ijaarrame ebbifame.

Baasii ijaarsa gamoo ebbifamee kan danda’e abbaa qabeenyaa Miidrook Invastimant Gruup Sheeh Mahaammad Huseen Alii Allaamuddiini.

Gamichaaf moggaasni “Gamoo Sheeh Allaamuddiin” jedhu kan laatameef yammuu ta’u, ijaarsisaa lafa kaaree meetira 6,240 ol irratti kan hojjetamedha.

Mana kitaabaa, galmoota walga’ii, waajjiraalee, iddoo qophii agarsiisaa, man kuusaa kitaabaa fi kutaalee tajaajila hedduu kan qabudha.

Comments
Loading...