Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun ambaasaaddaroota Gamtaa Awrooppaa fi biyyoota Awrooppaa waliin mari’atan

0 190
Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachaw ambaasaaddaroota Gamtaa Awrooppaa fi ambaasaaddaroota biyyoota Awrooppaa 18 waliin mari’atan.
 
Marichi gaaffii ambaasaaddaroonni ministiricha waliin mari’achuuf dhiyeessaniin kan gaggeeffamedha.
 
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awrooppaa Yohaan Boorgistaam ajjeechaa hoggansa raayyaa ittisaa fi siiviiliirratti raawwatameen gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
 
Ambaasaaddarichi jijjiirrama Ityoophiyaan eegalte Gamtaan Awrooppaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
 
Riifoormiin diinagdeerratti eegalame akka itti fufus gaafataniiru.
 
Riifoormicha milkeessuuf gamtichi amma bara Faranjootaa 2020tti deeggarsa Yuuroo biiliyoona 1.4 akka laatu ibsaniiru.
 
Biyyoonni miseensa gamtichaa proojaktoota misoomatiif waggaatti Yuuroo biiliyoona 1 gadhiisaa jiraachuun ibsameera.
 
Obbo Gadduun gama isaanitiin tumsi gamtichaa fi biyyoota Awrooppaa akka itti fufu gaafataniiru.
Comments
Loading...