Fana: At a Speed of Life!

Mariin sirna federaaliizimii fi heera mootummaa Yuunvarsiitii Maqaleetti gaggeeffame

0 523
Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC)- Mariin sirna federaaliizimii fi heera mootummaa Yuunvarsiitii Maqaleetti gaggeeffame.
 
Waltajjicharratti sirna federaaliizimii diiguuf yaaliin taasifamu kamuu Ityoophiyaa kallattii hin taanetti galchuu mala jedhameera.
 
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Maqalee Kindayaa G/hiywat marichi waliin jireenya sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa cimsuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
 
Marichaan waraqaaleen qorannaa dhiyaatanii irratti mari’atameera.
 
Waraqaa qorannaa kan dhiyeessan Proofeesar Hiziqqi’eel Gabbisaan sirni feederaaliizimii Ityoophiyaadhaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
 
Proofeesar Hiziqqi’eel federaaliizimiin gaaffii sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaatif deebii kan laatudha jedhaniiru.
 
Heera mootummaa FDRI fooyyessuuf gaaffiin dhiyaatu karaa seeraa fi heeratiin mariidhan ni ta’a; kanaan ala garuu humnaan heerichi bakka na hin bu’uun diiguuf yaalun balaa cimaa qaba jedhaniiru.
 
 
Comments
Loading...