Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Chaayinaan damee haqaarratti waliin hojjechuuf waliigalan

0 123
Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC) – Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa obbo Biraanuu Tsaggaayeen jila Ministeera Haqaa Chaayinaa waliin mari’atan.
 
Itti aanaan ministira Ministeera Haqaa Chaayinaa miistar Liyuu Zheenyuu jilicha duursuun obbo Biraanuu waliin mari’ataniiru.
 
Marichaanis Ityoophiyaa fi Chaayinaan damee haqaarratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
 
Obbo Biraanuun Chaayinaan misooma Ityoophiyaa deeggaruun adda duree ta’uu kaasanii, damee haqaarrattis tumsishee akka itti fufu gaafataniiru.
 
Keessumaa malaammaltummaa ittisuu, dhiibbaa mirga namoomaa hir’isuu, daddabarsa maallaqa seeran alaa fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu ittisuurratti Chaayinaan tumsa akka taasistu gaafatan.
 
Itti aanaan ministirichaas mootummaan isaanii hojii abbaa alangee ijaarsa dandeettii fi teeknikaan kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
 
Comments
Loading...