Fana: At a Speed of Life!

Hawaasaatti tajaajilli guumruukaa alergii fi galchii eegalame

0 159
Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC) – Koomiishinii Guumruukaa Ityoophiyaatti Waajjirri Damee Hawaasaa tajaajila guumruukaa alergii fi meeshaalee gara biyyaa galfamanii eegale.
 
Tajajailli magaalaa Hawaasaatti kennamu eegale Adoolessa 1,2011 jalqabeeti.
 
Tajajailichi hojii oomishaalee gara biyyaa galchuu Markaatoo qofarratti murtaa’ee ture ni hir’isa.
 
Kunimmoo imala daldaltoonni naannoo gara magaalaa Finfinneetti taasisan ni hir’isa.
 
Hawaasnis shaqaxoota gatii madaalawaadhan akka argatu taasisa.
 
Humna daldaltoota naannoo guddisuudhan cinaatti hojii seeran alaa Markaatootti hojjetamu to’achuu dandeessisa jechuun Asaayyanaachaw Kifleen gabaasera.
Comments
Loading...