Fana: At a Speed of Life!

Giriikitti rooba buubbee fi cabbii makateen lubbuun namoota 6 darbe

0 233
Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC) – Giriikitti rooba cimaa buubbee fi cabbii walmakee rooben lubbuun lammiilee biyya alaa ja’a darbe.
 
Kaaba Giriikitti baatii Gannaa hawwata tuuriistii kan taate naannoo qarqara galaanaa Halk Diikitti rooba cimaa buubbee fi cabbii walmakee rooben lubbuun lammiilee biyya alaa ja’a darbuun himameera.
 
Namoota du’an jidduudhaa afur lammiilee Riipabliikii Cheek, Roomaaniyaa fi lammiilee Raashiyaa yoo ta’an, lama ammoo da’immani.
 
Balaa kanaan baaxiin manaa diigameera; mukeen hundeedhaan buqqa’anii kufaniiru jedhame.
 
Buufata fayyaa naannoo sanii; Niyaa Moowudaaneeyitti daayreektara kan ta’an Atinoosyoos Kaaltaas lammiilee balaa kanaan midhamaniif deeggarsi fayyaa taasifamaa jira jedhaniiru.
 
Yeroo ammaa kana hojjettoonni balaa tasaa fi abiddaa naannichatti argamuun hojii lubbuu baraaruu hojjechaa jirachuu himuu isaanii Rooytars gabaasera.
Comments
Loading...