Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee teeknooloojii irratti taarifa dabalataa Faransaay taasisteen Ameerikaan qorannoo eegalte

0 122

Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC) – Dhaabbilee teeknooloojii irratti taarifa dabalataa Faransaay taasisteen walqabatee Donaald Traamp dhimmicha irratti qorannoon akka adeemsifamu ajaja kennan.

Paarlaamaan Faransaay dhaabbilee kanneen akka Googilii fi Feesbuuk irratti taarifa dabalataa %3 irra keessetti.

Prezidaant Traamp murtichi iftoomina kan hin qabnee fi dhaabbilee Ameerikaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu isaa dubbataniiru.

Faransaay gama isheetin dhaabbileen kunneen sirna taaksii idil addunyaa darbaa jiru jechuun komatti.

Dhaabbileen teeknooloojii waajjira isaanii muummee biyyaa bu’aa olaanaa fi taaksii gadi aanaa gaafatanitti jijjiirachuu danada’u jedhameera.

Murtichis bu’aa Yuuroo miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol kan qabanii fi bu’icha keessaa Yuuroo miiliyoona 25 dhaabbilee teeknooloojii Faransaayitti argaman kan ilaalatu ta’a jedhameera.

Donaald Traamp murtee daballiin taaksii kun dhiibbaa uumuu waan danda’uuf karaa iftoomina qabuun qorannoon akka adeemsifamuuf murtee dabarsaniiru.

Maddi, BBC

Comments
Loading...