Fana: At a Speed of Life!

Briitaaniyaan walabummaa miidiyaaf deeggarsa Paawundii miiliyoona 15 laatte

0 55

Finfinnee, Adoolessa 4, 2011 (FBC) – Briitaaniyaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota kaanitti walabummaa miidiyaa mirkaneessuuf deeggarsa Paawundii miiliyoona 15 laatte.

Deeggarsichi Briitaaniyaatti ministira Ministeera Dhimma Afrikaa Haaryat Baaldiwiinin kaleessa ifoomera.

Deeggarsichi koonfiransii walabummaa miidiyaa idil addunyaa guyyootii lamaa kaleessa eegalamerratti kan ifoome.

Sagantichi Ityoophiyaa, Seeraaliyoonii fi Baangilaadeeshitti hojiirra kan ooludha.

Maallaqicha keessaa Paawundii miiliyoonni 12 Ityoophiyaa dabalatee biyyoota guddachaa jiranitti walabummaa miidiyaa mirkaneessuuf kan ooludha.

Paawundii miiliyoonni 3 ammoo Afrikaa Kaabaa fi Baha Jiddugaleessaatti hojii walfakkaataa deeggaruuf kan laatamudha.

Deeggarsi kaleessa ifoome Briitaaniyaan walabummaa miidiyaadhaf deeggarsa taasiste Paawundii miiliyoona 27tti ol guddisa.

Deeggarsi taasifame karaa Qajeelcha Misooma Idil Addunyaatin hojiirra kan ooludha.

Comments
Loading...