Fana: At a Speed of Life!

Tigraay dhaabbilee 3 dhuunfaaf dabarsuufi

0 228

Finfinnee, Adoolessa 3,2011(FBC)- Naannon Tigraay ga’ee qabeenya Warshaa Simiintoo Masooboo, Suur Koonistiraakshinii fi Traans Ityoophiyaa abbootii qabeenyatiif gurguruuf qophaa’uusaa beeksise.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Tigraayitti hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa, Daldalaa fi Indaastirii Dooktar Abrahaam Takastaan ibsa laataniin, miseensi diyaaspooraa ga’ee dhaabbilee kanneenii bitachuurratti hirmaannaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Ga’eewwan gurguramanis feestivaala idil addunyaa diyaaspooraa Tigraay Adoolessa 2011 gaggeeffamurratti kan dhiyaatan ta’uu beeksisaniiru.

Rakkoolee damee invastimantii furuudhan abbootii qabeenyaa biroos hawwachuuf qophiin taasifamuu eeraniiru.

Comments
Loading...