Fana: At a Speed of Life!

Nyaanni madaalamaan dhukkuba onnee ittisuuf

0 320
Finfinnee, Adoolessa 3, 2011 (FBC) – Nyaata madaalamaa soorachuun dhukkuba onneef akka hin saaxilamne nama gargaara.
 
Akka qorattoonni dhimma kana irratti taasisanitti nyaanni madaalamaan dhukkuba onnee, sombaa fi kaleef akka hin saaxilmneef nama fayyada jedhaniiru.
 
Akkasumas madaala dha’annaa onnee keenya eeguuf nama gargaaraa jedhan.
 
Yuunvarsiitii Fayyaa Varjiiniyaatti qorataa kan ta’an Dooktar Saafii Khaan hawaasni nyaata madaalamaa nyaachuun fayyaa isaa eeggachuu ni danda’a jedhan.
 
Nyaata madaalamaa nyaachuun dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, kalee, sombaa, onnee fi istirookii ofirraa ittisuu dandeenya jedhaniiru.
 
Namoonni nyaata madaalamaa nyaatan, nyaata madaalamaa kan hin nyaatne waliin wal bira qabamanii yoo ilaalaman dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii guddaadha jedhan.
 
Maddi – Rooytars
Comments
Loading...