Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad ministira Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa waliin mari’atan

0 376

Finfinnee, Adoolessa 3, 2011 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ministira Dhimma Alaa Kooriyaa Kibbaa Kaang Yuung Hwaa waliin mari’atan.

Marichi hariiroo fi tumsa biyyoota lamaanii cimsuurratti kan xiyyeeffatedha.

Qonnaa fi sirna guumruukaa fooyyessuurrattis mari’ataniiru.

Dabalataan damee barnootaa deeggaruurratti mari’atamuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Kooriyaa Kibbaa akka daawwatanis affeerramaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawis dhimmoota waloorratti gitasaanii Kooriyaa Kibbaa Kaang Yuung Hwaa waliin mari’ataniiru.

Comments
Loading...