Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad ministira Dhimma Alaa Fiinlaand waliin mari’atan

0 174

Finfinnee, Adoolessa 3,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ministira Dhimma Alaa Fiinlaand Peekaa Haaviistoo waliin mari’atan.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ministiricha har’a ganama waajjira isaaniitti simatanii dhimmoota hariiroo biyyoota isaanii cimsanii fi hojiilee waloon hojjetaman irratti mari’ataniiru.

Nagaa fi tasgabbii naannoo kabachiisuurratti Ityoophiyaan ga’ee taphachaa jirturratti; keessattuu araaraa fi waliigaltee Sudaan irratti mari’ataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawis gitasaanii Fiinlaand Peekaa Haaviistoo waliin mari’ataniiru.

Fiinlaand jijjiirrama Ityoophiyaan eegalte kan deeggartu ta’uu ministirichi ibsaniiru.

Comments
Loading...