Fana: At a Speed of Life!

Liibiyaan buufataalee miidhaan irra qaqqabee ture keessaa baqattoota baasuu beeksiste

0 177
Finfinnee, Adoolessa 3,2011(FBC)- Liibiyaan buufataalee miidhaan irra qaqqabee ture keessaa baqattoota baasuu beeksiste.
 
Torbee darbe naannoo Triipoolii, Taajuuraatti dhoohinsa buufata baqattootaarratti qaqqabeen hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa tureera.
 
Qondaaltonni mootummaa Liibiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramu miidhicha kan qaqqabsiise loltoota Jeneraal Kaliif Haaftaar ta’uu himu.
 
Loltoonni jeneraalichaa garuu haleellaa qaqqabe keessaa harka akka hin qabaatin himaniiru.
 
Miidhaa qaqqabeen lubbuun namoota 50 darbuun ni yaadatama.
 
Baqattoonni lubbuu isaanii dhaban lammiilee biyyoota Sahaaratii gadii yammuu ta’an, karaa Liibiyaatin gara Awrooppaa imaluun hawwii isaanii ture.
 
Koomiishiniin Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Liibiyaan baqattoota gara buufata birootti dabarsuuf hojjechaa jiraachuu eerera.
 
Baqattoonni 310 nananichaa kan sochoofaman yammuu ta’u, 260 buufata baqattoonni bilisaan itti socho’an galaniiru.
 
Baqattoota saaxilamoo 55 gara biyya birootti dabarsuuf ragaan guutamaafii jira.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...