Fana: At a Speed of Life!

Koreen ADP Finfinnee maatii hoggansa naannoo Amaaraa wareegama kaffalaniif deeggarsa laate

0 307

Finfinnee, Adoolessa 3,2011(FBC)- Koreen ADP Finfinnee maatii hoggansa olaanoo naannoo Amaaraa wareegama kaffalaniif deeggarsa maallaqaa laate.

Koreen Amaaraa Demokraatiik Paartii(ADP) Finfinnee ajjeechaa hoggansa olaanoo naannoo Amaaraarratti Waxabajjii 15,2011 raawwatamee yaadachuudhan maatii miidhamtootaa jajjabeessera.

Sagantaa Hoteela Sharaatanitti gaggeeffame kanarratti itti aanaa muummee ministiraa fi dura taa’aan ADP obbo Dammaqaa Makoonnan dabalatee hoggansi olaanoon argamaniiru.

Saganticharrattis koreen ADP Finfinnee maatii miidhamtootatiif deeggarsa Birrii miiliyoona 5.4 laatera.

Maallaqichi hawaasa magaalaa, hoggansaa fi dhaabbilee deeggarsaarraa yeroo gabaabaatti kan funaannamedha.

Maallaqicha maatiin miidhamtootaa 3 ga’ee walqixaan obbo Dammaqaa harkaa fudhataniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinneetis maatii miidhamtootatiif iddoo jireenyaa mijeessuuf waadaa galeera.

Comments
Loading...