Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Ameerikaan shakallii loltummaa gaggeessufi

0 617
Finfinnee, Adoolessa 3, 2011 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ameerikaan shakallii loltummaa gaggeessufi.
 
Shaakalliin loltummaa 2019 Ityoophiyaatti gaggeeffamu kun, nagaa fi tasgabbii naannichaa kabachiisuurratti ga’ee olaanaa qabaata jedhameera.
 
Shaakallicharratti kan hirmaatu Ameerikaa, michoota Dhihaa fi Ityoophiyaadha.
 
Shaakallichi humna nagaa kabachiisaa fi Gamtaa Afrikaatti Ergama Soomaaliyaa cimsuudha.
 
Shaakalliin bara Faranjootaa 2017 kan gaggeeffame Taanzaaniyaatti ture.
 
Kan bara Faranjootaa 2017 Ityoophiyaa dabalatee Jibuutii, Keeniyaa, Ruwaandaa, Somaaliyaa, Yugaandaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaan, Neezarlaandii fi Briitaaniyaa hirmaachisuudhan Ityoophiyaatti taasifameera.
 
Kan bara Faranjootaa 2019 kanarratti Braaziil, Buruundii, Kaanaadaa, Jibuutii, Faransaay, Jarman, Xaaliyaan, Keeniyaa, Neezarlaand, Ruwaandaa, Soomaaliyaa, Yugaandaa, Briitaaniyaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman, Gamtaan Afrikaa, Eejansiin Misooma Idil Addunyaa Amerikaa, Inistiitiyuutiin Nageenya Ameerikaa, Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa ni hirmaatu.
 
Leenjiin yaad rimee fi shaakalliin dirree Adoolessa 8 kaasee amma 24,2011tti gaggeeffama.
 
Leenjicharratti miseensonni raayyaa ittisaa fi qondaaltonni mootummaa 1,100 ta’an ni hirmaatu.
 
Ameerikaan shaakallichaaf Doolaara miiliyoona 6 Ityoophiyaadhaf ramaddeetti.
 
Ityoophiyaan humna nagaa kabachiisaa gumaachudhaan adda dureedha.
Comments
Loading...