Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan damee dhuunfaa jajjabeessuuf hojjechaa jira

0 80
Finfinnee, Adoolessa 2,2011(FBC)- Mootummaan naannoo Oromiyaa damee dhuunfaa jajjabeessuu fi deeggaruuf hojjechaa jiraachuu hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Admaasuu Daamxon beeksisan.
 
Hoggansi olaanoo naannichaa hojiilee invastimantii fi indaastirii daawwataniiru.
 
Sochiin damee dhuunfaa sadarkaa irra jiru, kallattii egeree isaanii gamaaggamuudhan abbootii qabeenyaa fi hoggansa magaalotaa waliin mari’atameera.
 
Daawwichis har’a magaalota Oromiyaa 9tti gaggeeffameera.
 
Dameen dhuunfaa carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsiisuurratti hojii jajjabeessaa hojjechaa jiraachun gamaaggamameera.
 
Fayyadamtummaa ummataa cimsuuf damichi akka jajjabaatu deeggarsi kan taasifamuuf ta’uu obbo Admaasuun ibsaniiru.
 
Dhaabbileen dhuunfaa akkataa waliigaltee isaanitiin akka hojjetan dhaamamee, seeran ala socho’anii kan argamanirratti tarkaanfiin sirreeffamaa kan fudhatamu ta’uun ibsameera.
Comments
Loading...