Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan meeshaa waraanaa Doolaara biiliyoona 2.2 Taaywaanitti gurguruufi

0 238
Finfinnee, Adoolessa 2,2011(FBC)- Ameerikaan meeshaa waraanaa Doolaara biiliyoona 2.2 Taaywaanitti gurguruufi.
 
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa akka beeksisetti Ameerikaan Taaywaanitti meeshaa waraanaa Doolaara biiliyoona 2.2 gurguruuf murteessiteetti.
 
Peentaagoon meeshaaleen waraanaa Taaywaanitti gurguru taankola Abraams 108, miisaa’eloota Stiingar 250 fi meeshaalee waraanaa gosa birooti.
 
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa baatii darbe murtee meeshaa waraanaa gurguruu kana mormee ibsa baaset ture.
 
Chaayinaan Taaywaan akka naannoo finciltootaatti lakkoofti.
 
Ta’uu baannan humnaanis ta’u imaammata Chaayinaa takka jala galchuun fedhiishee isa jabaadha.
 
Peentaagoon ibsa baasen meeshaan waraanaa Taaywaanitti gurguramuu isaatin madaala humna naannoorratti dhiibbaan uumamu hin jiru jedheera.
 
Waajjirri Preezdaantii Taaywaan gama isaatin Ameerikaa galateeffateera.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...