Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaan ummata Amaaraa wabii biyyaati- mootummaa naannichaa

0 172
Finfinnee, Adoolessa 1,2011(FBC)- Tokkummaan ummata Amaaraa wabii biyyaa ta’uun kan beekamu malee rakkoolee mudataniin kan bittinnaa’uu miti jedhe mootummaan naannoo Amaaraa.
 
Mootummaan naannichaa ibsa har’a baasen akka beeksisetti hoggansa jidduuttis ta’e ummata keessatti garaagartee fi waldhabbiin uumame hin jiru; kun naannichaa fi ummata naannichaa dadhabsuuf shira diinan qophaa’ee afaarfamudha jedheera.
 
Rakkoo Waxabajjii 15,2011 naannichatti mudateen booda ummanni tasgabbaa’ee hojii idileetti akka deebi’u hojiin tasgabbeessuu hojjetama tureera jedheera.
 
Ummata Amaaraa sababii addaddaa uumanii gandaa fi godinaan hiruun hin danda’amu; ummatichi ummata aadaa waliin jireenyaa gabbataa qabudha jedheera ibsi mootummaa naannoo Amaaraa.
 
Ummanni naannichaa yaalii fonqolchaa raawwatameen hoggansasaa dhabus, hoggansa miixatee da’uu fi guddisee sadarkaa gaaridhaan ga’uu itti beeka.
 
Kanaaf rakkoo mudateen duubatti osoo hin deebi’in tokkummaasaa jabeessee biyya utubuusaa itti fufa.
 
Galaan mootummaa naannoo Amaaraa ummata waan ta’eef, booritti cee’uuf jabaatet hojjeta jedheera.
 
Hojiin shiraa ‘herreega ture buusuu’ jedhus gonkumaa fudhatama hin qabaatu jedheera ibsichi.
 
Comments
Loading...