Fana: At a Speed of Life!

Iiraan gabbisa yuuraaniyamii %20 dabaluun danda’a jette

0 109
Finfinnee, Adoolessa 1,2011(FBC)- Iiraan gabbisa yuuraaniyamii %20 dabaluu yoon barbaade kan na dhaabsisu hin jiru jette.
 
Waliigaltee bara Faranjootaa 2015 Iiraan gabbisa nuukleeraa akka hir’istu dirqamteet turte.
 
Amma garuu Ameerikaan waadaashee eegaa waan hin jirreef ammeentaasaa nan dabala jetteetti.
 
Ogeeyyiin dhimma nuukleeraa akka jedhanitti Iiraan gabbisa yuuraaniyamii %20 dabaluun filannooshee isa dhumaati.
 
Odu himaan Dhaabbata Atoomiik Inarjii Iiraan Beehrooz Kamaalvaandiin akka beeksisanitti waliigaltee bara Fasranjootaa 2015 daangaan gabbisaa kaa’ame %3.67.
 
Yaata’uutii gabbisicha %20 ga’uuf hojjechaa jirra; amma %4.5 irra ga’ameera jedhaniiru.
 
Ammaaf %20 hin barbaannu kan jedhan odu himtichi, yoo barbaanne garuu kan nu dhaabsisu hin jiru jedhaniiru.
 
Barbaachisummaa gabbisa olaanaarratti Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa waliin mari’anneerras jedhaniiru.
 
Yaata’uutii ammatti %20 hin barbaannu jedhaniiru.
 
 
Maddi; Prees TV
Comments
Loading...