Fana: At a Speed of Life!

Dabaree dhiyeessii tajaajila elektirikaarratti fooyyessi taasifame

0 125
Finfinnee, Adoolessa 1,2011(FBC)- Dabaree dhiyeessii tajaajila elektirikaa indaastirii olaanoo, jiddugaleessaa fi xiqqaarratti fooyyessi taasifame.
 
Indaastirii olaanoo, jiddugaleessaa fi xiqqaan guyyootii 15f guyyaa %50, galgala sa’aa 5 amma sa’aa 11 humna guutuu argatu.
 
Hanqina roobaa Bonaa fi Arfaasaa keessa mudateen Caamsaa 1 kaasee amma 30,2011tti dhiyeessiin elektirikaa dabareedhan laatamaa akka ture ni yaadatama.
 
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dhimmicharratti har’a waaree booda ibsa laataniiru.
 
Yeroo ammaatti hidhoonni maddoota anniisaa bishaan amma barbaadamu kuufachuu baatanis, Ganna guutuu akka danda’an yaada keessa galchuudhan har’aa kaasee dabareen tajajaila elektirikaa manneenii kan hafe ta’uu ibsaniiru.
 
Gibee 3tti bishaan galaa jiraachuu kan kaasan ministirichi, Gannaalee Daawwaa 3 ammoo xumuramee Hagayya walakkaa keessa ni ebbifama jedhan.
 
Bara 2012 eegalee indaastiroonni anniisaa bubbee fi aduurraa madduun humna mataa ofii akka oomishan ni taasifama.
Comments
Loading...