Fana: At a Speed of Life!

Q/Goorgiis gaaffii isaatif amma deebii argatutti priimiyar liigii Ityoophiyaa keessaa ba’uusaa beeksise

0 152
Finfinnee, Waxabajjii 28,2011(FBC)- Q/Goorgiis gaaffii isaatif amma deebii argatutti priimiyar liigii Ityoophiyaa keessaa ba’uusaa beeksise.
 
Kilabichi ibsa kaleessa baasen akka beeksisetti koreen liigii Federeeshinii Kubbaa Miillaa Ityoophiyaa Q/Goorgiis fayyadamtummaa dirree dhoorkudhaaf murtee dabarseen tapha Yuunvarsiitii Walwaaloo Addigiraat waliin taasisuuf ture dirree cufaatti yookin Adaamaatti akka gaggeeffamu murteessuu isaatin si’a lama taphni akka adda citu godheeran komateera.
 
Taphoonni adda citan kan kilaboota kaanii yoo keessummeeffaman kan Q/Goorgiis garuu hin keessummeeffamneen kilabichi komiisaa federeeshinicharratti dhiyeessera.
 
Tapha priimiyar liigii Ityoophiyaa torbee 29ffaatin Faasiliif foorfen kennamuun sirrii mitiin mormeera.
 
Kilabichi federeeshinichi murteesaa amma kaasutti tapha priimiyar liigii kamuurratti akka hin hirmaanne beeksiseera.
Comments
Loading...