Fana: At a Speed of Life!

Maddi anniisaa huurkaa meeggaa waatii 520 Arsii Lixaatti ijaarramuufi

0 262

Finfinnee, Waxabajjii 28,2011(FBC)- Maddi anniisaa huurkaa meeggaa waatii 520 Arsii Lixaatti ijaarramuufi.

Proojaktii haaraan madda anniisaa huurkaa meeggaa waatii 520 naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaatti kan ijaarramu ta’uu Abbaan Taayitaa Inarjii Ityoophiyaa beeksise.

Proojaktichi qaama proojaktoota jajjaboo biyyattii ta’uu abbaa taayitichaatti daayreektarri eeyyamaa fi bulchiinsa qabeenya ji’oo tarmaalii obbo Tasfaayee Kaasaan himaniiru.

Ijaarsi proojaktichaa baasii guddaa kan gaafatu ta’uu isaatin deeggarsaa fi liqaa biyyoota biroo barbaada.

Haaluma kanaan Eejansiin Daldalaa fi Misooma Ameerikaa proojakticha deeggaruuf fedhii agarsiisera.

Proojaktichi proojaktoota madda anniisaa huurkaa 24 keessaa tokkodha.

Amma ammaattis Dhaabbata Tulluu Mooyyee Ji’ootarmaal waliin ta’uudhan hojiin waajjira hundeessuu fi ijaarsi daandii hojjetamuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan damee anniisaa hurkaarratti hojiin hojjette kan maqaa qabu ta’uu baatus, qabeenya anniisaa meeggaa waatii kuma 10 olii akka qabdu ragaaleen dhiyoo ba’an ni muul’isu.

Comments
Loading...