Fana: At a Speed of Life!

Fraank Laampaard leenjisaa Cheelsii ta’uudhan muudame

0 129
Finfinnee, Waxabajjii 27,2011(FBC)- Fraank Laampaard leenjisaa Cheelsii ta’uudhan muudame.
 
Cheelsiin taphataa sarara gidduu duraanii Fraank Laampaard leenjistummaan muudera.
 
Laampaard amma umriin isaa waggaa 41 yammuu ta’u, waggootii 13f Cheelsidhaaf taphateera.
 
Waggaa 3f kilabicha leenjisuudhafi waliigaltee kan mallatteesse.
 
Darbii Kaawuntiitti leenjisaa kan ture Laampaard, gara Juuveentuus kan imalan Maawriisiyoo Saarii bakka bu’uudhani itti gaafatama kan fudhatan.
 
Turmaatasaa Darbii Kaawuntiitin kilabicha shaampiyoons liigiin ga’eera.
 
Leenjistummaan kan muudames bu’aa achitti galmeessiseeni jedhan daayreektarri Cheelsii Maariinaa Graanooviiskaan beeksisaniiru.
 
Laampaard turmaata isaa Cheelsii waggootii 13n taphoota 648 irratti kan hirmaate yammuu ta’u, waancaa 13 kaasera.
 
Itti aanaan leenjisaa Darbii Kaawuntii Jooday Mooriisii fi Kriis Joons Staanfoord Briijitti Fraank Laampaarditti makamaniiru.
 
Piitar Cheekis baatidhaan dura gorsaa teeknikaa ta’uudhan Cheelsiitti makameera.
 
Maddi; www.bbc.com
 
Comments
Loading...