Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukin seera haasaa jibbiinsaa Jarman cabsuu isaatin Doolaara miiliyoona 2.3 adabame

0 252
Finfinnee, Waxabajjii 26,2011(FBC)- Feesbuukin seera haasaa jibbiinsaa Jarman cabsuu isaatin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 2.3 adabame.
 
Qondaaltonni Jarman Feesbuukin seera haasaa jibbiinsaa biyyattiin baaste cabsee argamuu isaatin akka adabamu itti murtaa’uu ibsaniiru.
 
Adabbichi kaleessa kan murtaa’e yammuu ta’u, haasaan jibbiinsaa Feesbuukiirratti yammuu gadhiifamu dhaabbatichi tarkaanfii sirreeffamaa hin fudhanne jedhameera.
 
Biiroon Haqaa Jarman ibsa baasen Feesbuukin odeeffannoon jibbiinsaa fi oduun sobaa ummata walitti buusu yammuu gadhiifamu tarkaanfii waan hin fudhanneef akka adabamu murtaa’era jedheera.
 
Feesbuukin tarkaanfin odeeffannoo sobaa fi haasaa jibbiinsaa dhaabsisuuf fudhate maal akka ta’e ibsa guutuu hin baasne jedheera biirichi.
 
Akka seerichaatti gabaasni baatii 6 bal’inaan dhiyaachuu qaba ture.
 
Feesbuukii addabbiif kan saaxiles gabaasa guutuu fi ifa ta’e dhiyeessuu dhabuu isaati.
Comments
Loading...