Fana: At a Speed of Life!

Aadaan dubbisuu dargaggootaa akka gabbatu hojjetamuu qaba jedhame

0 169

Finfinnee, Waxabajjii 26,2011(FBC)- Aadaan dubbisuu dargaggootaa akka gabbatu hojjetamuu qaba jedhame.

Aadaan dubbisuu yoo guddate dhaloota sababiidhan amanu uumuun ni danda’ama jedhameera.

Eejansiin Galmeessaa fi Manneen Kitaabaa Biyyoolessaa Ityoophiyaa torbee kitaaba dubbisuu godina Baalee magaalaa Roobeetti qopheesset ture.

Torbichis mata duree “Ganna kitaaba waliin” jedhuun kabajame

Eejansichatti daayreektarri hoji gaggeessaa galmeessaa obbo Salamoon Taammiraat aadaa kitaaba dubbisuu dargaggootaa gabbisuudhan, dhaloota sababiidhan amanu uumuun ni danda’ama jedhaniiru.

Dargaggeessi bakka gaarii akka oolu gochuuf torbeen kitaabaa magaalota hundatti Ganna kana qophaa’uu akka qabu ibsaniiru.

Torbee dubbisuu Roobetti kabajameen barattoonni Yuunvarsiitii Madda Walaabuu fi Manneen Sirreessaa magaalattii hirmaataniiru.

Eejansichi kitaabota kuma 2 ol kennaadhan laatera.

Comments
Loading...